Fana: At a Speed of Life!

Qonna Arfaasaatiin omishi kuntaalli miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoonni 36 walitti qabameera jedhame

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Qonnaa Arfaasaatiin oomisha kuntaala miiliyoonaa dhibba 3 fi miiliyoona 74 walitti qabuuf karoorafame keessaa oomisha kuntaalli miiliyoona dhibba 3 fi miliyoonni 36 walitti qabamuu Ministeerrii Qonnaa beeksise.

Ministeerichi gabaasa raawwii Mana Maree Bakka Bu’otaa Ummataaf dhiyeesseera.

Waqtii Arfaasaatti lafa hektaara miiliyoona 13.2 oomishaan uwwisuuf karoorfame keessaa lafti haektaarri miilyoonaa 12.8 midhaaniin uwwifamuu ibseera.

Raawwiin kun uwwisa midhaanii kan bara darbee waqtii walfakkaataan walbira yoo qabamu lafa hektaara kuma 500 kan hanqatuu fi oomisha walitti qabame keessaa kuntaalaa miiliyoona shan yookaan %1.3 hir’ina akka argisise eeramera.

Kunis sababa walitti bu’iinsaan gabasni raawwii Naannoo Tigiraayi kan hindabalamne ta’uu gabasichaan eeramuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummarraa argamee ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.