Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach Abeebeen qonna magaalaa mooraa Abbaa Taayitaa kunuunsa naannoo magaalichaaa keessatti misoomaa jiru daawwatan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen sochii qonna magaalaa mooraa Abbaa Taayitaa kunuunsa naannoo magaalaa Finfinnee keessatti misoomaa jiru daawwataniiru.

Daawwannicharratti haasawaa taasisaniin, qonna magaalaaf xiyyeeffannoon laatamee mooraa namoota dhuunfaa, iddoowwan duwwaa dhaabbilee mootummaa keessatti argaman irratti bifa sosochiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii gama kanan  hojjetamaa jiruun bu’aa qabatamaan argamuu, oomishaalee  kuduraa fayyadamtootaan gahuun danda’amuufi kutaalee hawaasaa galii gadi aanaa argataniif deeggarsi taasifamuu danda’uu kaasaniiru.

Hojiin qonnaa mooraa Abbaa Taayitaa Kunuunsa Naannoo Magaalaa Finfinnee keessatti argine yeroo gabaabaa fi bakka dhiphoorratti qonna qindaa’aa magaalaa hojiirra oolchuun akka danda’amuuf ragaadha jechuun, bakka dhiphoo kanatti hojiin kanniisaa fi qurxummii horsiisuu akkasumas yeroo gabaabaa keessatti kuduraalee oomishuu danda’uun hundaaf barnoota kan laatu ta’uu ibsaniiru.

Hojii qonna magaalaaf hundi xiyyeeffannoo kennuu akka qabu yaadachiisuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.