Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbatichi qonnaan bultoota kuma dhibba 6 oliif galtee qonnaa dhiyeessuuf akka ta’e beeksise

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa(FAOn) qonnaan bultoota kaaba biyyattii waraanaaf saxilamoo ta’an  kuma dhibba 6 fi kuma 20’f galtee qonnaa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Dhaabbatichi mootummaa Ityoophiyaa deeggaruuf kutannoo qabaachuu dhaabbatichatti bakka bu’aan Gamtaa Afrikaa fi Afrikaa Bahaa Chiimbaa Deeviid Fiiriin ibsaniiru.

Tattaaffii mootummaan lammiilee kaaba Ityoophiyaa waraanaaf saxilamoo ta’an deebisee dhaabuuf taasisu dhaabbatichi kan deeggaru ta’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan qonnaan bultoota kaaba biyyattiif galtee qonnaa dhiyeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, oomishtummaan qonnaa akka dabaluuf deeggarsa dabalataa ni taasisa jedhaniiru.

Dhaabbatichi hanga ammaatti qonnaan bultoota naannoo Tigraay kuma dhibba 2 fi kuma 30’f sanyii filatamaa meetirik toonii kuma dhibba 4, naannoo Amaaraaf meetirik toonii kuma dhibba 1 akkasumas naannoo Affaariif meetirik toonii 4 dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.