Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan beekamtii kennuu hoggantoota fi miseensota Poolisii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 28, 2014 (FBC) – Sagantaan beekamtii kennuu fi galateeffannaa hoggantoota fi miseensota Poolisii magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.

Sagantichi hoggantootaa fi miseensota poolisii hojii seera kabachiisuun, duula birmadummaa fi tokkummaa sabdaneessummaa irratti raawwii hojii gaarii galmeessisaniif beekamtii kennuuf kan qophaa’e.

Sagantichi mata duree “tokkummaan biyya keenyaa fi nageenyi uummata keenyaa Wareegama keenyaan mirkanaa’a” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Saganticharratti Muummee Ministiraa Abiy Ahimad dabalatee Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Komishinar Dammallaash Gabramikaa’el, hoggantoonni olaanoon mootummaa, qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Adaanach Abbabaa fi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.