Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti humnoonni waamicha dhiyaateef simatan hojiilee misoomaarratti bobba’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Humnoonni waamicha nageenyaa mootummaa simatanii fi leenjii fudhatan hojiilee misoomaarratti bobba’uu eegaluu isaanii Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Bulchaan Godina Matakkal Obbo Gaashuu Dugaaz ibsan.

Humnoonni ilaalchaa fiinxaalessummaan socho’aa turan hedduun isaanii waamicha mootummaa simachuun leenjii fudhataan damee qonnaa, albuudaa fi dame duraan hojjechaa turan irratti bobba’uun ibsameera.

Yeroo ammaa Godinnii Matakkaal gara misoomaatti fuulleffachuu kan eeraan Obbo Gaashuun, kanneen damee qonnaarratti bobba’an kaffaltii duraa %30 mootummaan uwwifamee tiraaktaroonni 6 kennamuufii eeraniiru.

Tiraaktaroonni kunneen aanaalee godinichaa hundatiif kan qoodaman yoo ta’u, dabalataan tiraaktaroota 11 bituuf adeemsarraa jiraachuu himaniiru.

Hidhattoonni leenjii fudhatan 17 damee albuudaarratti, 92 ammoo damee daldalaa hojjechaa turanirratti, 43 hojii mootummaa duraan hojjechaa turanirratti bobba’aniiru jedhame.

Akkasumas kanneen 493 ta’an hojii nageenyaarratti bobba’aniiru himan.

Hojii nageenyaarratti kanneen obba’aniif leenjiin gahaan kennamaa jiraachuu kan eeran ammoo Komaad Poostii Qindaa’aa Godina Matakkalitti Walitti Qabaa Komaad Poostii Aanaa Daanguraa Ajajaa Kumaa Damissi Daanyeeti.

Yeroo ammaa haalli nageenyaa naannawichaa humnoota nageeyaan mirkanaa’aa jiraachuu eeruun, hojiin lammiilee buqqa’anii turan qe’ee isaanitti deebisuu cimee kan itti fufuu ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.