Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee ummanni naannichaa kaasuu deebisuuf hooggansi itti gaafatama isaa sirnaan bahachuu qaba- Obbo Abduljabbaar Mohaammad

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Gaaffilee ummanni naannichaa kaasuu deebisuuf hooggansi itti gaafatama isaa sirnaan bahachuu qaba jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii Obbo Abduljabbaar Mohaammad.
Waajjirri Paartii Badhaadhinaa naannichaa raawwii guyyoota 90 humnoota waloo gaaffilee ummataa deebisuuf hundaa’anii gamaaggameera.
Gochaalee hawaasa miidhaan, seermaleesummaa mul’atanii fi tarkaanfilee fudhataman ilaalchisuun gabaasni dhiyaatee irratti mari’atameera.
Waltajjii kanarratti Itti Gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Hararii Obbo Abduljabbaar Mohaammad, baatiiwwan muraasaan duraa gaaffilee ummataa deebisuuf kutannoon hojjetamaa turanis yeroo ammaa laafinni mul’achaa jira jedhaniiru.
Kanaaf, hooggansi gaaffilee ummataa gama deebiisuutiin itti gaafatama isaa sirnaan bahachaa waan hinjirreef hooggansi itti gaafatama isaanii sirnaan bahachuu qabu hubachiisuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.