Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiileen uummataa murteessaa fi bu’uuraa haalduree tokko malee deebii hatattamaa argachuu qabu-Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Gaaffiileen uummataa murteessaa fi bu’uuraa haalduree tokko malee deebii hatattamaa argachuu akka qaban Sadarkaa Ministiraatti Qindeessaan Waajjira Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Waajjira Muummee Ministiraa Dooktar Biqilaa Hurrisaa ibsan.
Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalatee hooggantoonni Paartii Badhaadhinnaa Naannoo Amaaraa Hidha Angarabiin daawwataniiru.
Wayita daawwannichaatti Dooktar Biqilaan yaada kennaniin, yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaarratti gaaffileen uummataa murteessoo fi bu’uura ta’an haalduree tokko malee akka deebii argatan kallattiin kaa’amuu himaniiru.
Haaluma kanaan, yeroo ammaa rakkoo Hidha Angarabiin mudataa jiru fi gaaffii bishaan dhugaatii hawaasa Goondar akkataa kallattii kaa’ameetiin furmaanni kennamuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Amaaraa Obbo Girmaa Yashiixilaa gama isaaniin, gaaffii bishaan dhugaatii hawaasa Goondariif qaamoleen dhimmichi ilaallatu hunduu gara hojiitti seenuu akka qaban dubbataniiru.
Bishaan dhugaatii hawaasa Goondariif dhiyaatu %85 hidhaa Angarab kanarraa kan dhiyaatu ta’uu eeruun, ittifufiinsaa hidhichaaf filamaatawwan biroo fayyadamuun dhimma yeroo eeggatu miti jedhaniiru.
Hidhi Angarab yeroo ammaa sababa biyyeen guuteen bishaan dhugaatii guyyattii meetirik kiyuubii kuma 14 gadi hawaasa Goondariif dhiyaachaa jiraachuu AMC gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.