Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Saatilaayitootta 9 gara hawaatti ergite

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Chaayinaan konkolaattoonni ishee nam-tolcheen odeeffannoo walitti qaban, odeeffannoo akka argataniif saatilaaytoota 9 gara hawaatti ergiteetti.
Saatilaayitoonni kunneenis hawaarraa qubachuun isaanii eerameera.
Saatilaayotoonni Chaayinaan ergite kunneen rookeetiin ‘Longi Maarchi-2C’ jedhamuun giddugala furguggisa saatilaayitii Zaachaangitti argamurraa furguggifamuun eerameera.
Saatilaayitoonni furguggifaman kunneen konkolaattota nam-tolchee odeeffannoo waliitti qabanii fi bilbiloota moobaayilaa saatilaayitiin kan walquunnamsiisuudha jedhameera.
Kana malees, odeeffannoo qorannoo naannawaa fi galaanaaf ni gargaara jedhameera.
Chaayinaatti Akkaadaamiin Teekinooloojii Konkolaataa waggoota afuriin dura walhordofsiisuun saatilaayitoota fuguggisuu isaa CGTN gabaaseera.
Rookeetiin Longi Maarchi-2C si’a tokkotti saatilaayitoota hedduu erguudhaan rikoordii haaraa kan galmeesse yoo ta’u, si’aa 422 furguggifamuu eerameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.