Fana: At a Speed of Life!

Feestivaala Aadaa fi Aartiiwwanii Afriikaa Bahaarratti dammaqinaan akka hirmaatan ambaasaaddaroonni biyyoota hirmaatanii ibsan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Waxabajjii 7-12, 2014 mata duree “Aadaa fi Aartiiwwan Walitti Hidhamiinsa Naannawaaf” jedhuun kan gaggeeffamu Feestivaala Aadaa fi Aartiiwwanii Afriikaa Bahaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan Ambaasaddaroonni biyyoota hirmaatanii ibsan.
Qophii Feestivaalichaa fi hojiilee hafan irratti ambaasaddaroota biyyoota hirmaatanii waliin mari’atameera.
Waltajjii marichaarratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, feestivaalli aadaa fi aartiiwwanii hariiroo uummata biyyoota Afriikaa Bahaa uumuu fi dippiloomasii aadaa bu’a qabeessa taasisuuf, gumaacha olaanaa akka qabu eeraniiru.
Feestivaalichis qorannoon, argisiisaa addaa fi sagantaalee birootiin akka gaggeeffamu eeraniiru.
Ambaasaaddaroonni hirmaattoota marichaas, aadaa fi aartiiwwan biyyoota isaanii beeksisuu fi maqaa gaarii naannawaa ijaaruuf kan gumaachu waan ta’eef, odeeffannoowwan waljijjiiruudhaan dammaqinaan akka hirmaatan himaniiru.
Ministiirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa kanaan dura ambaasaaddaroota biyyoota waliin mari’achuu kaasanii, waltajjiin marii amma gareewwan jilaa biyyoota feestivaalicharratti hirmaataniif qophiin isaanii sadarkaa irra jiru walbeeksisuu fi fuulduratti sagantaa gaggeeffamuuf murteessa ta’uu ibsuu isaanii ragaan Minsteera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni argisiisa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.