Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Israa’el damee daldalaa fi invastimantiin waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Ityoophiyaa fi Israa’el damee daldalaa fi invastimantiin waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessuu ibsameera.

Damee daldalaa fi invastimantii biyyoota lameenii guddisuuf waltajjiin marii magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen dabalatee Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal, Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Israa’el Allalliny Admaasuu, hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee, hoggantoonni waldaalee fi sekteraalee daldalaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon argamaniiru.

Waltajjichi hariiroo dippiloomaasii, diinagdee fi aadaa biyyoota lameenii waggoottaniif ture kan cimsu ta’uu ibsameera.

Israa’el teeknooloojii qabdutti gargaaramuun qabeenya uumamaa Ityoophiyaa misoomsuun fayyadamummaa gama maraa uummata biyyoota lameenii guddisuuf waltajjichi kan gargaaru ta’uu eerameera.

Dureettii Tolasaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.