Fana: At a Speed of Life!

Naannolee Kibba-Dhihaa Ityoophiyaa fi Amaaraatti tatamsa’inni busaa dabalaa jiraachuun eerame

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Naannolee Kibba-Dhihaa Ityoophiyaa fi Amaaraatti tatamsa’inni dhibee busaa dabalaa jiraachuun eerame.

Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Fayyaa Naannoo Kibbaa-Dhihaa Ityoophiyaa Obbo Haayiluu Zawudee, hammeentaan dhibee busaan qabamuu % 69 ga’uu fi hammeentaan tatamsa’ina isaa %54 ga’uu himaniiru.

Dursaan Garee Ittisaa Fi To’annoo Dhibee Busaa Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Naannoo Amaaraa Obbo Daamxee Laankir akka eeranitti, yeroo ammaa aanaalee naanichaa hundatti dhibeen busaa mudateera.

Naannichatti torban tokkotti namoonni kumni 11, baatiiwwan 9’n darbanitti ammoo namoonni miliyoona walakkaa ta’an dhibechaan qabamaniiru jedhan.

Naannolee lameenitti dabalaa dhufuu tatamsa’ina dhibee busaaf ka’umsi hanqina roobaa ta’uun himameera.

Hawaasni dhibee kana ittisuuf itti fayyadamni meeshaalee ittisaa gadaanaa ta’uu kaasanii, hanqinni meeshaalee ittisaas yeroon dhaqqabuu dhabuun tatamsa’ina dhibechaatiif sababa kan biroodha jedhaniiru.

Tatamsa’ina dhibee busaa naannolee kanneenii dhaabuudhaaf raabsaa agoobaraa fi biiffaa keemikaalaa bakkeewwan dhibechi babal’atee jirutti waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.