Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriiwwan oomishaa humna guutuun akka oomishaan rakkoolee mul’atan furuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannaan hojjechuu qabu-Malaakuu Aallebal

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Indaastiriiwwan oomishaa humna guutuun akka hin oomishne rakkoolee mul’atan furuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannaan hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Aallebal hubachiisan.
Rakkoolee indaastiriiwwan oomishaa addaa baasuu fi haala sochii isaanii ilaalchisuun daawwannaan dirree gaggeeffameera.
Daawwannaa kanarratti galii sharafa alaa kan argamsiisan, warshaalee galtee biyya keessaa fayyadamuun oomishan, warshaalee oomisha biyya keessaa bakka buusuuf tattaafatan irratti Ministirri Ministeeraa Indaastirii Obbo Malaakuu Allebal, itti gaafatamtoota Biirolee Indaastirii Oromiyaa fi Finfinnee, qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ataniiru.
Dameen indaastiriiwwan oomishaatti xiyyeeffannaa yeroo kamiyyuu caalmaatti kennameen jijjiiramni fooyya’aan galmaa’uu dubbatanii, dhaabbilee gidduutti hojmaata qindaa’aarratti hojjechuun barbaachisaadha jedhameera.
Indaastiriiwwan oomishaas, sosochii ’Ityoophiyaan ni oomishti’ jedhuun dadammaqinni uumamee olaanaa turuu eeraniiru.
Rakkoolee indastiriiwwan humna guutuun akka hin oomishne taasisu keessaa addaan ciccitiinsa humna elektirikaa, hanqina sharafa alaa, hanqina kaappitaalaa, dhaabbilee gidduu hanqinaa hojmaata qindaawaa ta’uun eerameera.
Waajjirri Ministeeraa Indaastirii rakkoolee indaastiriiwwan oomishaa furuudhaaf deeggarsa taasisu kan ittii fufu ta’uu ibsanii, qaamoleen hundinuus itti gaafatamaa isaanii akka bahatan hubachiisuu ragaan Minsteera Indaastiriirraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.