Fana: At a Speed of Life!

Zaanzibaar 0 – 5 Ityoophiyaa

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessaa Ityoophiyaa tapha waancaa Seekaafaa gita isaa Zaanzibaar waliin taphate goolii 5 fi 0n injifate.
Dorgommii Shaampiyoonaa waancaa Bahaa fi giddugaleessa Afrikaarratti hirmaachaa kan jiran Luusiiwwan gita isaanii Zaanzibaar garaagarummaa goolii hedduun injifachuun jalqabbii gaarii agarsiisaniiru.
Tapha guyyaa har’aa sa’aatii 7:00 irraa eegalee taphatameen Loozaa Abarraa fi Qiddist Zallaqaa goolii lama lama, Araggaash Kaalsaan ammoo goolii tokko garee isaaniif lakkoofsiisuu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.