Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sulultaatti guyyaa har’aa qofa balaa ibiddaa yeroo 2ffaaf muudateen qabeenyarra miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Magaalaa Sulultaatti guyyaa har’aa qofa balaa ibiddaa si’a lama muudateen qabeenyarra miidhaan qaqqabuu ibsameera.
Balaa ganama har’aa ganda 01tti qaqqabeen manneen jireenyaa fi kuusawwan garaagaraarra miidhaan qaqqabuu jiraattoonni magaalichaa FBCtti himaniiru.
Ganduma kana naannaawaa buufata Baajaajii jedhamutti guyyaa har’aa toora sa’aa 7:00tti balaa ibiddaa muudateen, suuqoota fi manneen jiraanyaa hedduurra miidhaan qaqqabuu jiraattoonni kunneen eeraniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Mana Qophheessaa Bulchiinsa magaalaa Sulultaa Obbo Darajjee Yaa’iin turtii Bilbilaan FBC waliin taasiisaniin balaan Ibiddaa ganama barii tilmaamaan naannoo 10:00 qaqqabe ka’umsa isaaa konkolaatarraa ta’uu eeruun, inni waaree booda naannoo sa’aa 7:00 muudate ka’umsa isaa qorataamaa jiraachuu himaniiru.
Akka magaalichaatti balaa Ibiddaa irra deddeebiin muudachaa jiru dursanii ittisuuf hojiin hubannoo uumuu fi meeshaalee ittisa balaa qopheessuu hojjetamaa jiraachuu obbo Darajjeen eeraniiru.
Akaakuu fi hammi miidhaa qaqqabee Poolisiin qoratamaa jiraachuus himaniiru.
Magaalichatti balaa ibiddaa Eebila 29, 2014 qaqqabeen qabeenyarra miidhaan ga’uun kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.