Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Tuuniiziyaa Abbootii seeraa 57 hojiirraa gaggeessan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Tuuniiziyaa Kaayis Sa’iid Abbootii seeraa malaamaltummaa fi shororkeessitoota deeggaran jedhan 57 hojiirraa gaggeessaniiru.
Qaamoleen Haqaa biyyattii ofii isaaniin yakkoota garaagaraa akka qulqulleessan carraa laatanii turuu Preezidaantichi miidiyaa biyyattiin ibsaniiru.
Ibsa kana laatanii sa’aa muraasa booda Abbootii Seeraa kanneen hojiirraa gaggeessuu isaanii eerameera.
Sirna Haqaa biyyattii sirreessuuf sochii taasiisaa kan turan itti gaafatamaan Mana Maree olaanaa bulchiinsa Abbootii seeraa Yeesuuf Buuzaakar Abbootii seeraa hojiirraa gaggaaffaman keessatti kan argaman ta’uu himameera.
Bara 2011 Tuuniiziyaatti Warraaqsa Diimookiraasii kan beeksisan Kaayis Sa’iid, sirna haqaa gidduu seenaan jechuun Mana Maree Abbootii seeraan himatamaa turuu isaanii TRT gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.