Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa Reediyoo Hawaasaa eebbisiise

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiin Dirree Dawaa Buufata Raadiyoo Hawaasaa eebbisiiseera.
Buufata Raadiyoo Hawaasaa kanaaf moggaasni maqaa FM 104.5 jedhu laatamuufii ibsameera.
Sirna eebbaa kanarratti Hojii Raawwachiisaa olaanaa Faanaa Broodkaastiing Korporeet obbo Admaasuu Daamxoo, Kantibaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Jawaarii fi hoggantoonnii fi ogeeyyiin Yuunvarsiitii Dirree Dawaa argamaniiru jedhame.
Hojii Raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetii obbo Admaasuu Daamxoon hawaasa magaalaa Dirree Dawaa fi Yuunvarsiitichaan baga gammaddan jedhaniiru.
Faanaa Broodkaastiing Korporeet ijaarsa isaa ga’umsaan raawwachuu himaniiru.
Faanaan gara hawaasaatti gadi bu’uun hojiilee hedduu kan hojjetu ta’uu fi deeggarsa Teeknikaa fi qabiyyee hawaasa naannawichaa fayyadu kan taasiisu akka ta’e himaniiru.
Raadiyoon Hawaasaa kun Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Somaalee fi Afaan Ingiliziin kan hojjetu ta’uu himameera.
Hayimaanoot Iyyaasuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.