Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanach hojii daandii cinaa miidhagsuu Uraa’eelii hanga Addabaabaayii Puushkiin eegalchiinsan

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) –Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen hojii magariisummaan daandii cinaa miidhagsuu Uraa’eelii hanga Addabaabaayii Puushkiin hojjetamu eegalchiinsaniiru.
Hojiilee namummaarratti xiyyeeffatan guyyoota 60 keessatti raawwatamuuf karoorfaman keessaa sagantaan kun isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Gochaawwan akka kanaa magaalattii miidhagsuu fi jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti qooda olaanaa qabaachuu isaaniin magaalichatti hedduminaan kan hojjetaman ta’uu kaasaniiru.
Lammiileen iddoo qulqulluu fi naannawaa magariisaa jiraachuu mirga qabu kan jedhan aadde Adaanach, bulchiinsi magaalichaa fedhii jiraattootaa guutuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jiraachuu himuu isaanii ragaan waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.
Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu taasiisuuf jiraattoonni, abbootiin qabeenyaa fi tola ooltoonni ashaaraa isaanii kaa’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.