Fana: At a Speed of Life!

Damee invastimantii alaa dadammaqsuuf filmaatawwan haaraa hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira-Koomishinii Invastimantii

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Damee invastimantii alaa dammaqsuuf filmaatawwan haaraa hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa beeksise.

Daayrektarri Beeksisa Invastimantii Alaa Komishinichaa Obbo Aschaalawu Taaddasaa turtii FBC waliin taasiisaniin, damichi weerara vaayirasii koronaa, rakkoolee nageenyaa fi dhabamuu tasgabbiitiin gufuun mudachuu himaniiru.

Kanaanis damicharratti abbootii qabeenyaa haaraa harkisuun danda’amuu baatus hojiirra kanneen jiran deeggaruuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan.

Kanneen hojii invastimantiirratti bobba’aniif deeggarsa bu’uuraalee misoomaa fi kanneen biroon akka mijatuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojiileen hojjetaman bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu kaasaniiru.

Invastimantii alaa caalmaatti guddisuuf tarsiimoo fi hojiin beeksisuu haaraan bocamee hojiitti jijjiiruuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara baajatichaa baatiiwwan 9 keessatti invastimantii alaarraa Doolaara biiliyoona 3.63 argachuuf karoorfame keessaa, Doolaarri biiliyoona 2.43 milkaa’uu himaniiru.

Awwal Abarraatu Gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.