Fana: At a Speed of Life!

Damee Odeeffannoo fi Tikaan tumsi Ityoophiyaa fi Ameerikaa akka cimuuf nan hojjedha- Miseensa Kongiransii Ameerikaa

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Damee Odeeffannoo fi Tikaan tumsi Ityoophiyaa fi Ameerikaa cimee akka itti fufuuf nan hojjedha jedhan  Miseensi Kongiransii Ameerikaa Tireent Keeliin.

Tireent Keelii fi jilli isaanii akkasumas Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Ameerikaa Ambaasaddar Tireesii An Jaakoobsan Egzibiishinii Diijitaalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Tikaa daawwataniiru.

Ityoophiyaa fi Ameerikaan damee odeeffannoo fi tikaan keessumaa shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’an waloon ittisuurratti tumsa yeroo dheeraa qabaachuu Tireent Keeliin daawwannicharratti ibsaniiru.

Tumsi isaanii kun cimee akka itti fufuuf ga’ee isaanii kan ba’atan ta’uu ibsaniiru.

Dayrektarri Jeneraalaa tajajilichaa obbo Tamasgan Xiruunahi gamasaaniin, hariiroon dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Ameerikaa baroota kan lakkoofsise ta’uu eeruun, yeroo ammaa biyyoonni lameen dameewwan garaagaraan waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Ityoophiyaan gaanfa Afrikaarratti shororkeessummaa ittisuuf deeggartuu tarsiimawaa Ameerikaa ta’uu fi deeggarsa kana akka biyyaattis ta’e akka dhaabbataatti gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf akkasumas tums agama damee odeeffannoo fi tikaan jiru daran cimsuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu kaasuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.