Fana: At a Speed of Life!

Ministeera Fayyaaf deeggarsi maashinoota Altiraa Saawondii 10 taasifamuu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC)- Dhaabbanni Jarman meeshaalee yaala fayyaa oomishu “Siimaansi” jedhamu Ministeera Fayyaaf maashinoota Altiraa Saawondii 10 deeggarsa taasisuu ibsameera.

Sirni walharkaa fuudhiinsa maashinoota kanneenii bakka Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarman Isteefan Owuyar, Ministir Deetaan Ministera Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii, Daayrektarri gurgurtaa alaa dhaabbatichaa Dooktar Uwuu Boork fi hogganaan Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Miliniyeemii Qiddus Phaawuloos Dooktar Wandimmagany Gazzany argamanitti gaggeeffameera.

Maashinoonni kunneen Koolleejii Fayyaa Hospitaala Miliiniyeemii Qiddus Phaawuloositti kutaa wal’aansaa addaa addaatti raabsamuun tajaajila kennaa jiraachuun eerameera.

Maashinoonni altiraasaawundii vaayirasii koronaa ittisuuf, dhibeewwan daddarboofi daddarboo hintaane qorachuuf yeroo kamiyyuu caalaa qulqullina taajaajila hospitaalichaa kan  fooyyessu ta’uu hoogganaan koollejjichaa Dooktar Wandimmaagany Gazzaany ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.