Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa kutaa Kaabaan walqabatee deeggarsaa fi qorannoo taasifamaa jirurratti hawaasa dippilomaasiif ibsi kennamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 24, 2014 (FBC) – Waajjirri Humna Waloo Ministirootaa Ityoophiyaa kutaa Kaaba biyyattiitti walitti bu’iinsa mudateen walqabatee hojiilee deeggarsaa fi qorannoo gaggeeffamaa jirurratti hawaasa dippiloomaasiif ibsa kennaa jira.

Walitti Qabaan Waajjira Humna Waloo Ministirootaa fi Ministirri Ministeeraa Haqaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos, walitti bu’iinsa kutaa Kaabaa biyyattiin walqabatee qorannoo yakkoota Naannoolee Amaaraa fi Affaaritti raawwatamanii walabaa fi ittigaaftamummaa hunda galeessaa akkaataa mirkaneesuun gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Waloo Ministirootaa Dooktar Taaddasaa Kaasaa gama isaaniin, gabasa sadarkaa qorannoowwan gaggeffamaniirraatti dhiyeessaniin, sarbama mirga namoomaa lammiileerra ga’e, bu’aan qorannoo Waajjirri Koomishinaara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Koomishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa irratti yaad-deebii kenname gadi fageenyaan ilaaluun deebii kennuf Humni Waloo Ministirootaa hundaa’uu humaniiru.

Kanaanis, tarsiimoo fi sagantaan qopheessuun hojiitti seenamuu yaadachiisaniiru.

Humni waloo bu’aa fi yaad-deebii qorannoo garee waloo Koomishinaara Olaanaa Mirgootaa Namoomaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii Fi Koomishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa irratti hojjechuun, naannolee Tigiraay, Amaaraa Fi Affaaritti sarbama mirga namoomaa qorachuu fi balleessitoota itti gaafatamoo taasisuun,  miidhamtoota ammo deebisanii dandamachiisuuf koreewwan afur hundaa’anii hojiitti seenameera.

Habtaamuu Takilasillaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.