Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa hojii pilaanii lafaa ciminaan hojjechaa jiraachuu hime

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Misoomni magaalotaa guddina diinagdee biyyattiif murteessaa ta’uu hubachuun hojii pilaanii lafaa ciminaan hojjechaa jiraachuu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa beeksiseera.
Waajjirri Proojektii Riifoormii Galiiwwan Magaalotaa Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Yuunvarsiitii Wolaayittaa Soddoo waliin ta’uun leenjii ogeeyyiif kennaa jira.
Waltajjicharratti Ministir Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Kaaliid Abduraahmaan, ministeerichi misoomni magaalota Ityoophiyaa diinagdee biyyattiif barbaachisaa ta’uu hubatanii, karoora lafaa irratti ciminaan hojjechaa jira jedhan.
Sirna galmee qabiyyee lafa magaalotaa fi odeeffannoo magaalota ammayyeessuun rakkoolee bulchinsa gaarii hambisuuf humna namaa horachuun hojii ijoo ta’uu himaniiru.
Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Konistiraakshinii Naannoo Saboota, Sablammootaa fi Uummata Kibbaa Obbo Tasfaayee Yiggazuu haasaa taasisaniin dhimmoonni lafaa fi lafaan walqabatan ogeeyyii qaroomaniin hambisuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Walaayittaa Soddoo Proofeesar Taakkalaa Taaddasaa taasisuu keessatti ga’eesaa bahaachaa jira jedhaniiru.
Abbabach Kashaamootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.