Galii Ityoophiyaan seektaraa tuurizimiirraa argachuu dandeessu guddisuuf ministeerichi Doolaara miiliyoona 15 ramaduun hojjechaa jiraachuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Galii Ityoophiyaan seektaraa tuurizimiirraa argachuu dandeessu guddisuuf ministeerichi Doolaara miiliyoona 15 ramaduun hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamiil ibsaniiru.
Aadde Muufariyaat Kaamiil, agarsiisa torbee tuurizimii 9ffaa mata duree “Tuuriizimiin waliin jireenyaaf” jedhuun Instiityuutii Leenjii Tuuriizimiitti eegalchiisaniiru.
Seektarri tuuriizimii humna namaa barbaachiisu leenjisee gabaaf dhiyeessuun, turtii tuurisitii dheeressuun galii biyyattiin seektaricharraa argachuu dandeessu argamsiisuuf ministeerichi Doolaara miiliyoona 15 ramaduun hojiilee humna namaa gahoomsan hojjechaa jiraachuu Aadde Muufariyaat himaniiru.
Agarsiisichaan sagantaa maaddii qooduu dabalatee, sagantaaleen garaagaraa kan raawwataman ta’uu ibsameera.
Agarsiisa kanarrattis leenjifamtoota abbootii qabeenyaa waliin walitti fiduun carraan hojii akka uumamuuf waliigalteerra ga’amuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.