Dhaabbanni Jaappaan ‘Impact Corporation’ Ilillii Ityoophiyaarraa galchu dachaa shaniin guddisuufi
Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Jaappaan ‘Impact Corporation’ Ilillii Ityoophiyaarraa galchu dachaa shaniin guddisuuf karoorfachuu beeksise.
Jaappaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tafarraa Darriboo, Dura taa’aa Korporeeshinii ‘Impact Corporation’ Heekiiroo Moorishgee waliin dhimma daldala Abaaboorratti mari’ataniiru.
Dura Taa’aan Korporeeshinichaa Heekiiroo Moorishgee Ambaasaaddar Tafarraaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, korporeeshinichi yeroo ammaa ergitootaa fi oomishtoota ilillii/Abaaboo Ityoophiyaarraa waggaatti ilillii muka miiliyoona 2 gara biyyaa akka galchaan ibsaniiru.
Dabalataanis waggaatti ilillii/abaaboo biyyattiitti galchu dachaa shaniin guddisuuf karoorfachuu ibsaniiru.
Kana malees, fayyadamtoonnii Jaappaan ilillii Ityoophiyaa akka fayyadamaan carraa uumuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafis, korporeeshinichi oomishtootaa ilillii, suupper maarkeetotaafi qorattootaa ilillii Jaappaanittii beeksisuudhaaf bara 2022fi 2023tti argisiisa ilillii gaggeessuuf karoorafchuu beeksisaniiru.
Ambaasaaddar Tafarraan gama isaaniin Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa kallattiin Finfinneerraa gara Tookiyootti balalii jalqabuu isaa hordofee korporeeshinichi daldalaa ilillii/Abaaboo gaggeessaa jiru dinqisiifataniiru.
Korporeeshinichis karooraa oomisha ilillii dachaa shaniin guddisuuf karoorfateef galateeffatanii, invastimantii misooma ililliirraattis akka bobba’aniif gaafataniiru.
Imbaasiin Ityoophiyaa Jaappaan jirus ‘Impact Corporation’ waliin qindoominaan hojjechuu fi egzibiishinii hortiikaalcharii korporeeshinichi qopheessuuf karoorafateef, deeggarsa taasisuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessuufii isaanii ragaan Ministeera Dhimmaa Alaarraa argamee ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.