Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Teelekoomii Idil Addunyaa Ityoophiyaa akka deeggaru gaafatame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Gamtaan Teelekoomii Idil Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ityoophiyaa akka deeggaru gaafatame.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Waajjira Gamtaa Teelekoomii Idil Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessaa olaanaa gamtichaa Hooliin Zhaawoo waliin mari’ataniiru.

Yaa’ii Misooma Teelekoomii Idil Addunyaa baatii Waxabajjii gaggeeffamuuf Ityoophiyaan akka gaggeessituuf carraan laatamuu fi Yaa’ichaa qopheessuuf qophiileen taasifamaa turuu yaadachiifameera.

Haa ta’u malee haala siyaasaa biyyattiin walqabatee dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa tokko tokko odeeffannoo fi olola dogoggoraa tamsaasaniin akkasumas ejjennoo biyyoonni tokko tokko Ityoophiyaarratti qabatanii turaniin carrichi Ruuwaandaaf dabarfamee kennamuu eerameera.

Ityoophiyaan carraa kennameefii ture milkaa’inaan gaggeessuuf qophiilee hedduu taasisaa turuu fi adeemsa isaa keessatti qabeenyaa fi yeroo hedduu itti baasuu ibsuun, murtoo darbetti gadduu kaasaniiru.

Gamtichi Kan darbe akka barnootaatti fudhachuun yeroo itti aanutti  Ityoophiyaaf dursa kennuun Yaa’iisaa magaalaa Finfinneetti akka gaggeesuu fi deeggarsa teeknikaa garaagaraa akka taasisu gaafataniiru.

Gamtaa Teelekoomii Idil Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti barreessaa olaanaan gamtichaa Hooliin Zhaawoon gamasaaniin, gamtichi Ityoophiyaaf deeggarsa akka taasisuuf cimsanii kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Ministera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.