Fana: At a Speed of Life!

Baankotatti yakka burjaajessuutiin Birrii biiliyoonni 1.8 ol waliin dhahamuu eerame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Yakka burjaajii uumuu baankota Ityoophirratti xiyyeeffateen Birrii biiliyoonni 1 fi miliyoonni dhibba 896 waliin dhahamuu qorannoon Ministeera Haqaa ifoomse.

Bara 2009 eegalee qorannoo gaggeeffamee kanaan Birrii biiliyoonni dhibba 370 yaaliin waliin dhahuu gaggeeffamee turuu argisiisa.

Qorannoon kun Baankotatti ka’umsa  yakka burjaajii uumuu fi tooftaa raawwii isaanii addaa baasuun yaada furmaataa kaa’uuf Ministeeraa Haqaatiin kan gaggeeffame yoo ta’u, qorannicha hordofee Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Dooktar Yinnaagar Dasee fi preezdaantota baankota garagaraa, Ityoo-Teeleekoomii fi qaamolee biroo waliin mariin gaggeeffameera.

Yakki waliin dhahuu kan irratti raawwate baankota 16 keessaa %50 yookaan Birrii miiliyoona 961 kan ta’u, Baankii Daldalaa Ityoophiyaarratti, sadarkaa 2ffaan yookaan Birrii miiliyoona dhibba 329’tti dhiyaatu ammoo Baankii Abisiiniyaa akkasumas %8.5 yookaan Birrii miiliyoona 162tti kan dhiyaatu Baankii Oromiyaatti kan raawwate ta’uun eerameera.

Tsaggaayee Wandasantu Gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.