Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad eebbifamtoota Akkaadaamii Loltummaa Ityoophiyaatii gulantaa itti aanaa ajajaa dhibbaan eebbifamaniin baga gammaddan jedhan

Finfinnee, Caamsaa 21, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Akkaadaamii Loltummaa Ityoophiyaatii gulantaa itti aana ajajaa dhibbaan eebbifamaniin baga gammaddan jedhaniiru.

Eebbifamtoonni Akkaadaamii Loltummaa Ityoophiyaatti barnoota keessa hordofaa turuun guyyaa har’aa gulantaa itti aana ajajaa dhibbaan eebbifamtan baga gammaddan jedhan fuula Tiwiitarii isaaniin.

Imalli itti aanu kaayyoo jaalala biyyummaarraa maddee fi yeroo yeroon beekumsa isaanii itti gabbifattan ta’uu akka qabu imaanaa dhaamaniiru.

Akkaadaamiin Loltummaa Ityoophiyaa qondaaltoota waraanaa leenjisaa ture har’a marsaa 69ffaaf eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad,Itaamaajoor Shuumii humna waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaa, Ministiroonnii fi keessummoonni affeerraman biroon argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.