Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni Raashiyaa wayita Yukreenitti duula gaggeessaan seeroota namoomaa idil addunyaa jabeessanii kabaju – Preezidaanti Putiin

Loltoonni Raashiyaa wayita Yukreenitti duula gaggeessaan seeroota namoomaa idil addunyaa jabeessanii kabaju – Preezidaanti Putii

Finfinnee, Caamsaa 21, 2014 (FBC) – Loltoonni Raashiyaa wayita Yukreenitti duula gaggeessaan seeroota namoomaa idil addunyaa sirnaan kan kabajan ta’uu Preezidaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin ibsaniiru.

Preezidaanti Putiin preezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maaykiroonii fi Chaansilar Jarman Olaf Shuulz waliin dhimmoota garaagaraarratti bilbilaan mari’ataniiru.

Adeemsa duula waraanaa Yuukreenitti gaggeeffamaa jiruu fi waraanicha hordofee qaala’iinsa midhaan nyaataa sadarkaa idil addunyaatti mudachuu danda’u irratti xiyyeeffachuun mari’ataniiru.

Marii nageenyaa Yuukreenii fi Raashiyaa yeroo ammaa qorraa dhufe itti fufsiisuuf Mooskoon balballi ishee banaa ta’uu Preezidaanti Putiin ibsaniiru.

Deeggarsi meeshaalee waraanaa biyyoonni Lixaa Yuukreeniif taasiisan waraanicha caalmaatti cimsuun qaala’iinsa olaanaa qaqqabsiisuu akka danda’u eeraniiru.

Hanqina midhaan nyaataa sadarkaa idil addunyaatti mudateef ka’umsa imaammata diinagdee jallataa biyyoonni Lixaa hordofan ta’uu ibsaniiru.

Raashiyaan rakkoo uumame furuuf filannoowwan garaagaraa fayyadamuun midhaan nyaataa alatti erguuf qophii ta’uu eeraniiru.

Qaala’iisa uumame tasgabbeessuuf biyyoonni lixaa qoqqoobbii dhimmoota adda addaarratti kaa’aan kaasuu akka qaban Preezidaanti Putiin hubachiisaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.