Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii guddattoota Afrikaa olaantummaa Ityoophiyaan xumurame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2014 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii guddattoota biyyoota Afrikaa Bahaa gidduutti gaggeeffamaa ture olaantummaa Ityoophiyaan xumurameera.

Shaampiyoonaan Atleetiksii guddattoota Atleetoota umrii waggaa 20 fi 18 gadii biyyoota Afrikaa Bahaa 8 gidduutti Taanzaaniyaa Daareesalaamitti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Gorgommicha Ityoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 17, Meetii 3, Naahaasii 2 fi Dippiloomaa 2 argachuun sadarkaa 1ffaan xumuruu ishee ibsaniiru.

Gareen Atleetiksii kun boru sa’aatii 12:55 irratti Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ni ga’aan kan eegamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.