Fana: At a Speed of Life!

Addis Miidiyaa Neetwoork Mana Kitaabaa Abrihootiif kitaabilee kuma 5 kenne

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Addis Miidiyaa Neetwoork kitaabilee hojjettoota, daawwattootaa fi dhaggeeffattoota isaarraa walitti qabe kuma 5 Mana Kitaabaa Abrihootiif dabarsee kenne.

Deeggarsi kitaabaa mata duree “ Kitaabilee miiliyoona dhaloota miiliniyeemiif” jedhuun mana Kitaabaa Abrihootiif taasifamu cimee itti fufeera.

Guyyaa har’aas Addis Miidiyaa Neetwoork mana kitaabichaaf kitaabilee walitti qabe kuma 5 dabarsee laateera.

Kitaabilee kanneen Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Addis Miidiyaa Neetwoork obbo Baqqalaa Mul’ataan mana kitaabichaaf dabarsanii kennaniiru.

Kitaabileen dhaloota ammaa dhaloota egeree waliin kan walitti hidhan ta’uusaaniitiin, nutis qaama dhaloota walitti hidhuu ta’uu keenyaan gammadoodha jedhan.

Kitaabilee kanneen kan fuudhan Ittaanaan Preezdaantii Yuunvarsiitii Finfinnee Dooktar Maatiwoos Insarmuu, Mana Kitaabaa Abrihootiif kitaabileen miiliyoonni 4 kan barbaachisan ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa biyya alaa fi keessaa kitaabileen garaagaraa mana kitaabichaaf kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Addis Miidiyaa Neetwoorkis qaama kanaa ta’uusaan galateeffamuu qaba jechuun, dhaabbilee fi namoonni biroonis ga’ee isaanii akka ba’atan gaafataniiru.

Hayimaanot Iyyaasuutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.