Fana: At a Speed of Life!

Jaappaan Ityoophiyaatti dameewwan xiyyeeffannoon itti kenname adda baasuun deeggarsa taasisuuf hojjechaa jirti-  Ambaasaaddar Itoo Taakaakoo

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Jaappaan Ityoophiyaatti karoora misoomaa waggoota 10 dameewwan xiyyeeffannoon itti kenname adda baasuun deeggarsa taasisuuf hojjechaa jiraachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Taakaakoon ibsan.

Jaappaan milkaa’ina karoora misoomaa waggoota 10 dameewwan deeggarsa taasisturratti mootummaa waliin marii eegaluu kaasaniiru.

Mootummaan Jaappaan waggoottan 5 dura deeggarsa Ityoophiyaaf taasisurratti karoora baasuu yaadachiisuun, yeroo itti karooricha fooyyessuun barbaachisaa ta’erra ga’amuu ibsaniiru.

Kunis karoora misoomaa waggoota 10 bara 2013-2022 hojiirra oolu ilaalcha keessa galchuu eeraniiru.

Jaappaan hijiileen misoomaa karoorichaan qabaman akka milkaa’aniif ga’ee ishee ba’achuu kan barbaaddu ta’uu dubbataniiru.

Karoora deeggarsaa keenya karoora misoomaa waggoota 10 Ityoophiyaa waliin walsimsiisuuf hojjechaa jirra, dhimmoota xiyyeeffannoo addaa itti kenninu adda baasaa jirra jedhaniiru.

Ityoophiyaa fi Jaappaan waggoottan ja’an asitti  marii imaammataa isa jalqabaa taasisuu kaasuun, gara fuula duraatti marichi wagga waggaan akka gaggeeffamu amantaa qaban ibsaniiru.

Biyyoonni lameen tumsa diinagdee isaanii cimsaa jiraachuu kaasaniiru.

Ityoophiyaa fi Jaappaan hariiroo gam-lamee cimsuuf keesumaa ijaarsa sirna diimokiraasii fi tumsa Eeshiyaa Paasifik irratti xiyyeeffannoo kennuun kan hojjetan ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.