Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaa Fillaaqiit Garagaraatti qaqqabeen lubbuun namoota 3 darbe

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Godina Walloo Kaabaa magaalaa Fillaaqiit Garagaraatti balaa tiraafikaa qaqqabeen  lubbuun namoota 3 darbe.

Ganama har’aa naannoo sa’aatii 2:00 konkolaataan fe’umsaa Gaayint irraa gara Gaashanaatti imalaa ture Baajaajii/ Konkolaataa abbaa Miila sadii waliin walitti bu’uun lubbuun namoota baajaajicha keessa turan 3 yeruma sana darbuu ibsameera.

Dabalataan namoota sadiirra miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu ragaan kominikeeshiinii Magaalaa Maqeet irraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.