Fana: At a Speed of Life!

Diizaayinii proojektii “Shaggar Addis Gatsitaa” irratti yaada walitti qabuuf Egzibiishiniin baname

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Diizaayinii proojektii “Shaggar Addis Gatsitaa” irratti yaada walitti qabuuf Egzibiishiniin banamuu ibsame.

Korporeeshiniin Baankii fi Misooma Lafaa diizayinii proojektii “Shaggar Addis Gatsitaa” irratti egzibiishinii yaada uummataa  walitti qabuuf kaayyeffate qopheeseera.

Egzibiishinichi baatii tokkoof kan turu ta’uu fi Giddugala Diyaaspooraa Masqal Addabaabaayitti argamutti banamuu ibsameera.

Qabiyyeewwan lafaa qarqara daandii magaalichaa hawwatoo taasisuurra darbee faayidaan diinagdee fi hawaasummaa isaanii akka guddatuuf diizaayinii hunda galeessa qopheessuuf ogeeyyiin bal’inaan sochii taasisaa jiraachuu Daayrektarri Olaantuun Korporeeshinichaa Aadde Leensaa Makonnin ibsaniiru.

Diizaayinii haaraan rakkoolee bu’uuraalee misoomaa wal osoo hin dubbisiin hojjetaman kan hambisu ta’uu eeruu DhPI gabaaseera.

Korporeeshinichi kanaan dura qabiyyee mootummaa Federaalaa Boolee Siiviil Aveeshiniirraa hanga Inxooxxoo akkasumas Addabaabaayii Masqalaarraa hanga Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jiran faayidaa diinagdee fi hawaasummaa isaanii guddisuuf dorgommii yaadota diizaayinii marsaa jalqabaa xumuruu yaadachiisaniiru.

Abbootii murtii teekinikaan bu’aan waliigalaa kennamuun dura yaada uummataa walitti qabuuf egzibiishinichi akka qophaa’uuf murtaa’uu kaasaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.