Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaa murteewwan garagaraa dabarse

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa walga’ii idilee taa’een murteewwan garagaraa dabarseera.
Kaabineen bulchiinsa magaalichaa Manni Maree Ministirootaa murtoo dabarse hordofee, dhaabbata geejjiba baaburaa Daawwaalee hundeessuuf dambii ba’erratti mari’ateera.
Kananis dhaabbatichaaf kaappitaala Birrii miiliyoonaa 150 fi maallaqa callaa Birrii miiliyoona 55 akaakuun kan kaffalame yoo ta’u, dambichi bulchiinsa magaalichaatti Gaazexaa Dirree Nagaarit irratti guyyaa ba’ee eegalee hojiirraa akka oolu murteesseera.
Kaabineen bulchiinsa magaalichaa kanaan duraa walga’ii idilee taa’een, waliigalaan hojjettoonni dhaabbata geejjiba baaburaa haala qilleensaa Dirree Dawaan waan tajaajilaaniif, hojjettoota bulchiinsichaa biroof kan eeyyamaamee durgoo naannawaa gammoojiii %20 Caamsaa 1 irraa eegalee akka kaffalamuuf murteesseera.
Dabalataanis fooyya’iinsi mindaa hojjettootaaf waan maluuf, biiroon Humna Namaa fi Paablik Sarvisii bulchiinsa magaalichaa bu’uuraa madaallii ga’umsaan, qorannoon fooyyessa mindaa baatii tokko keessatti qoratamee walga’ii kaabineef akka dhiyaatu murteesseera.
Dhiibbaa qaala’iinsi jireeyaa hordofsiise ilaalchisees qorannoon Yuunvarsitiin Dirree Dawaa dhiyeesse, daandii saayinsaawaan furuuf kan dandeessuu yaadni dhiyaachuu eerameera.
Bu’uuruma kanaan qorannichi fuulduratti yaadota furmaataa kan eeru ta’ee, akka fooyyeffamuuf eeruu fi yaadni akka kenname ragaan Biiroo Kominikeeshinii Dirree Dawaarra argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.