Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Geejjibaa fi Loojastiksii fi Sagantaan Nyaataa Addunyaa tumsa waliinii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeeraa Geejjibaa fi Loojistiksii Aadde Daagmaawiti Magos Ityoophyaatti haaraa kan muudaman Daayrektara Itti Waamamaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Kilaawud Jibidaarii fi waahillan hojii isaanii waliin mari’ataniiru.
Marii isaaniin sagantaan nyaata addunyaa deeggarsa namoomaa taasisaa jiru kan galateeffachisuun ta’uu Aadde Daagmaawit ibsaniiru.
Konkolaattotta deeggarsa namoomaa fe’an adeemsa bobbaasuu keessatti ministeerichi deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu eeruun, deeggarsichis cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Ityoophyaatti Daayrektara Itti Waamamaa Sagantaa Nyaata Addunyaa Kilaawud Jibidaarii gama isaaniin, Ityoophiyaatti naannawaa garagaraatti lammiilee deeggarsi namoomaa barbaachisuuniin ga’uuf dhiyeessiin konkolaattotaa murteessaa ta’uu himanii, kana gama milkeessuutiin Ministeerri Geejjibaa fi Loojastiksii tattaaffii taasisaa jiru dinqisiifatanniiru.
Sochii deeggarsa namoomaa bakka barbaachisuun ga’uu keessatti akkuma kanaan duraa ministeerichi cinaa isaanii akka dhaabbatu gaafachuu isaanii ragaan Ministeeraa Geejibaa fi Lojistiksiirraa argamee ni mul’isa.
Aadde Daagimaawit Mogosis, Sagantaan Nyaata Addunyaa gargaarsa namoomaa taasisuuf Ministeerri Geejjibaa fi Loojastiksii tumsa barbaachisuu kamuu akka taasisu eeraniiru.
Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.