Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa obbo Dubbaalee Jaalleef sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC)- Bulchaa Baankii Biyyaalessaa 7ffaa kan turan obbo Dubbaalee Jaalleef sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffameera.
Sagantaa galii walitti qabuu gaggeeffamerratti keessummoonnii, gaggeessitoonni dhabbilee faayinaansii, abbootiin qabenyaa fi maatiin isaanii hirmaataniiru.
Obbo Dubbaalee Jaallee bara hojiirra turanittii biyyaa fi ummata isaanii qajeelummaa fi amanamummaan taajaajiluu fi aangoo isaanii sirnaan fayyadamuun kan beekaman ta’uun eerameera.
Bara aangoo isaaniittis gochaa malaammaltummaa, maallaqa waliin dhahuurraa bilisa akka turan nama ragaan bahameefidha.
Baankonni Ityoophiyaa sadarkaa har’arraa akka ga’aniif gahee olaanaa nama taphatan ta’uu ibsameera.
Bara Mootummaa ADWUI’tti Gorsaa Dhimmaa Diinagdee Muummee Ministiraa fi Preezdaantii Naannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaniiru.
Yeroo ammaa rakkoo fayyaa mudateen of wal’aanuu waan hindandeenyeef sagantaan galii walitti qabuu gaggeeffameera.
Haaluma kanaan, Baankiin Abisiiniyaa, Birrii miiliyoona 1 ol, Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa Birrii kuma 500, Baankiin Wagaagan Birrii kuma 100 fi abbootiin qabeenyaa biroon deeggarsaa maallaqaa taasisaniiru.
Hirmaattonni yaada isaanii FBC’f kennaan, gootni ni badhaafamaa malee hingargaaramu jedhanii, dhaabbileen biroonis nama oolmaa biyyaaf oole kana wal’aansa barbaachisa akka argatanif tumsa taasisuu qabu jedhaniiru.
Addis Taammiraatitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.