Fana: At a Speed of Life!

Tapha gulaallii waancaa Afriikaa Chaaniif Ityoophiyaan Sudaan Kibbaa waliin taphatti

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC)- Gulaallii Dorgommii waancaa biyyoota Afriikaa Chaan bara 2022 geeggeffamuuf ramaddiin har’a ifoomeera.

Dorgommii gulaallii kanarratti Afriikaa Bahaafii Giddu Galeessaa (CECAFA) biyyoonni sadii dorgommii olaanaaf kan darban yoo ta’u, rammadii ba’een Ityoophiyaan marsaa jalqabaatiin Sudaan Kibbaa waliin kan taphattu ta’uun eerameera.

Marsaa kana kan dabartuu yoo ta’e ammoo Ruwaandaa waliin marsaa lammaffaarratti kan taphattu ta’a.

Taphni jalqabaa marsaa jalqaba Adoolessa 15-17, 2014 kan gaggeeffamu yoo ta’u, taphni lammataa ammoo Adooleessa 22-24, 2014 akka geggeffamu saganataan bahe ni argisiisa.

Taphni jalqabaa marsaa lammaffan Hagayya 20-22, taphni deebii ammoo Hagayya 27-29, 2014 akka gaggeeffamuu CAF beeksiseera.

Taphattoota liigii biyya keessa qofaa kan hirmaachisu dorgommiin kun bara faranjootaa 2023tti qopheessummaa Aljeeriyaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kanaan dura Ityoophiyaan, dorgommii 2014 fi 2016 irratti hirmaattuu akka taate Ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.