Fana: At a Speed of Life!

Naannolee sababa hongeetiin miidhaamaniif deeggarsi qoricha beeyladaa taasifame 

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti hongee mudateen beeyladoota miidhamaniif kan ooluu deeggarsi qorichaa taasifameera.

Deeggarsichi kan taasifamee Ministeera Qonnaatiin Pirojektii Fayyaa Beeyladaa Misoomaa Baadiyyaaf  ta’uu eerameera.

De’eetaan Ministiraa Ministeeraa Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaa, beeyladoonni dhukkuba akka ofirraa ittisan, kanneen dhibaman akka wal’aanamanii fi sirni nyaataa isaanii akka sirratuuf qorichoota tumsan ta’uu dubbataniiru.

Qorichoonni kunneenis beeyladoonni ariitiin akka dandamataan kan gargaru ta’uu himaniiru.

Naannoleen deeggarsicha argatanis, hawaasaan ga’uu akka qabaniifi Ministeerri Qonnaas rakkochaa keessa akka bahaniif deeggarsa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Qindeessaan Pirojektii Fayyaa Beeyladaa Misooma Baadiyyaaf Dooktar Malaakuu Asfaawuu gama isaaniin, naannolee hongeen hammaattetti qorichoonni beeyladaa dhiyaatan kunneen, baajataa yeroo balaaf ramadamerraa bitamee dhiyaachuu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarra argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.