Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin invastimantii Ityoo-Turki magaalaa Adaanaatti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 18, 2014 (FBC) – Turkitti Imbaasiin Ityoophiyaa  Adaanaa Chaamapar Oof Fooramii fi Qonsilaa Adaanaa waliin ta’uun Fooramii carraa invastimantii Ityoophiyaa beeksisu Turki magaalaa Adaanaatti qopheeseera.

Fooramicharratti abbootiin qabeenyaa Turkii invastimantii garaagaraarratti bobba’anii fi qonsilaawwan magaalota sadii hirmaataniiru.

Preezdaantiin Mana Maree Daldalaa Magaalaa Adaanaa Atiilaa Meeneevis fooramii walfakkaataa imbaasicha waliin qopheessuun hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lameenii guddisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Adaanaatti Kabajaan Qonsilaa Ityoophiyaa Yusuuf Kaan, hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lameenii cimsuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Turkitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Adam Mahaammad haasawaa taasisaniin, hoggantoonni biyyoota lameenii dameewwan invastimantiin,daldalaa fi siyaasaan waliin hojjechuuf waliigaluu eeruun, waliigalteewwan kanneen gara hojiitti hiikuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Dabalatanis haala mijataa daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaatti akka fayyadamaniif abbootii qabeenyaa Turkiif waamicha dhiyeessaniiru.

Komishinarri Komishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen, haala mijataa invastimantii Ityoophiyaa, fooyya’iinsa  invastimantiirratti taasifaman, dameewwan xiyyeeffannoo, jajjabeessituuwwanii fi carraawwan invastimantii jiran irratti ibsa laataniiru.

Abbootii qabeenyaa damee invastimantii Ityoophiyaarratti hirmaachuu barbaadaniif waajjirri isaanii deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsuu isaanii ragaan imbaasicharraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.