Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 600 kilaasteeran misoomsuuf facaasaan eegalame

Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma dhibba 6 qonna kilaasteeran misoomsuuf har’a facaasaan Boqqolloo Aanaa Noonnootti eegaleera.
Itti aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu,bakkichatti argamuun facaasaa sanyii kana eegalchiisaniiru.
Bara kana akka Godina Shawaa Lixaatti qonna kilaasteraan lafa hektaara kuma dhibba 6 misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame.
Guyyaa har’aas akka godinichaatti aanaa Noonnoo ganda Biiftuu Jaalalaatti jalqabbiin facaasaa boqqolloo lafa hektaara kuma 1 fi 35 irratti eegalameera.
Qonnaan Bultoonnis kilaasteraan ijaaramuun sanyii Boqqolloo facaasaniirraa callaa gaarii akka argataniif ciminaan hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.