Biyyoonni Baha Afrikaa Wiirtuu Aartii fi Aadaati – Obbo Dammaqaa Makonniin
Finfinnee, Caamsaa 16, 2014 (FBC) – Biyyoonni Baha Afrikaa Wiirtuu Aartii fi Aadaa ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortii Ministeera Dhimma Alaa fi qooda fudhattoota waliin ta’uun Waxabajjii 7 – 12, 2014tti Feestivaala Aadaa fi Aartii Afrikaa Bahaa magalaa Finfinneetti qopheessufi.
Haala qophii isaa ilaalchisee marii gaggeeffamerratti kan argaman Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Feestivaalli Aadaa fi Aartii Baha Afrikaa nageenyaa fi walitti hidhamiinsa ummattoota naannichaa cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru.
Hariiroo ummattootaa cimsuu fi dippiloomaasii hariiroo biyyoota ollaarratti xiyyeeffate uumuun murteessaa ta’uu kaasuu isaanii ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.