Karoora guddina siyaas dinagdee Naannoo Oromiyaa galmaan gahuuf galii naannichaa dabaluun dirqama- Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Karoora guddina siyaas- dinagdee Naannoo Oromiyaa galmaan gahuuf galii naannichaa dabaluun dirqama ta’uu, Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo kamiyuu caalaa jiruu fi jireenya hawwaasaa fooyyessuuf karoorfatee hojjetaa jiraachuu obbo Shimallis eeraniiru.
Galma gahiinsa Kaayyoo kanaaf Kilaastarri Horataalee Mootummaa galmoota lama; naannoo keenya dorgomaa taasisuu fi galii dabaluurratti fuulleffatee karoorfatuun hojjechuu qaba jedhaniiru.
Naannoo dorgomaa ta’e uumuuf Bulchiinsa Dhaabbilee fooyyessuun ce’umsa teeknoolojii fiduu qabnaa kan jedhan Preezdaant Shimallis, Galii Mootummaa Naannichaa, Intarpiraayitootaa fi Maatii dabaluun xiyyeeffannoo Sekteraalee Horataalee Mootummaa isa ijoo ta’uu akka qabu dhaamaniiru.
Karoorri Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bara 2015,bakka Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, I/A Preezdaantii MNO Obbo Awwaluu Abdii fi Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti,Qindeessitoonni Kilaasteraa argamanitti tibbana ilaalamaa ture,Karoora Kilaastera Horaataalee Mootummaa ilaaluun xumuramuu ragaan waajjira preezdaantii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.