Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa irra deebiin fooyyeessuuf dhiyaate bal’inaan akka ilaalamu qajeelfame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa wixinee labsii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa irra deebiin fooyyeessuuf dhiyaate bal’inaan akka ilaalamu koree dhaabbiif qajeelcheera.
Manni marichaa walga’ii idilee 8ffaa har’a gaggeesseen wixineen labsii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa irra deebiin hundeessuuf dhiyaate erga irratti mari’atee booda bal’inaan akka ilaalamu koree dhaabbii dhimmichi ilaallatuuf qajeelcheera.
Miseensonni mana marichaa Wixinee kanarratti yaada erga kennanii booda, wixinichi Wixinee labsii lakkoofsa 7/2014 ta’ee ba’inaan akka ilaallamu Koree Dhaabbii dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Diimokiraasiif sagalee guutuun qajeelcheera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.