Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manneen jireenyaa harka qalleeyyii eegalchiisan

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen sagantaa haaromsa manneen jireenyaa harka qalleeyyii kutaa magaalaa Qiirqoositti eegalchiisaniiru.

Aadde Adaanech kutaa magaalichaa naannoo Carqoositti manneen jireenyaa abbootii warraa 40 deebisanii ijaaruuf guyyaa har’aa ifatti eegalchiisaniiru.

Haalli lammiileen kunneen  keessa turan mijataa kan hin turre ta’uu fi deeggartoota misoomaa barbaaduun haaromsuuf hojjetamuu aadde Adaanech saganticharratti ibsaniiru.

Warshaan biiraa Haaynikan hojii haaromsa manneenii kanneen hojjechuuf waadaa seeneera.

Akkaataa waadaa seenameen ijaarsa manneen kaneenii xumuruun  dabarsanii kan kennan ta’uu ibsameera.

Magaalittiin kan misoomtu mootummaa qofaan osoo hin taane dhaabbilee itti gaafatamummaa isaanii ba’atan waliin hojjechuun ta’uu ibsameera.

Hojiin haaromsa manneen harka qaleeyyii cimee kan itti fufu ta’uu eerameera.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.