Naannoo Oromiyaa iddoowwan qonna arfaasaatiif mijatoo ta’anitti lafti heektaarri kumni 900 ol oomishaan uwwifaman
Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaa iddoowwan qonna arfaasaatiif mijatoo ta’anitti lafti heektaarri kumni dhibbi 9 fi kumni 70 oomishaan uwwifamuu Biiroo Qonnaa Naannichaa beeksiseera.
Biirichatti itti aanaan hogganaa damee misooma oomishaa obbo Geetuu Gammachuu akka ibsaniiti, bara kana roobni arfaasaa ture eegaluus dursa ooyruun qonnaa qophaa’uu himaniiru.
Kanaanis xaa’oo warshaa kuntaala miiliyoona 1.2 dabalatee dhiyeessiin sanyii filatamaa harka qonnaan bulaa akka gahuuf hojiin bu’aa qabu hojjetameera jedhan.
Karoorri qonna arfaasaa guutuumaa guutuun milkaa’uu kan ibsan obbo Geetuun, iddoowwan qonna arfaasaatiif mijatoo ta’aniitti qamadii, garbuu, boqqolloo dabalatee miidhaan agadaa fi dheedhiin oomishamuu himaniiru.
Kanaanis callaa kuntaala miiliyoona 30 argachuuf karoorfamuus ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.