Waltajjiin marii ga’ee namooma fi dhaabbilee miidiyaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Waltajjiin marii ga’ee namooma fi dhaabbilee miidiyaa jedhuun Waldaan Fannoo Diimaa Ityoophiyaa fi qaamolee miidiyaa waliin gaggeeffamaa jira.
Barreessaan olaanaa Waldaa Fannoo Diimaa Ityoophiyaa obbo Geetaachoo Takkaan, dhaabbileen miidiyaa fi waldaan fannoo diimaa hojiiwwan deebii balaa fi misooma namoomaarratti hojjetaa turan himaniiru.
Dhaabbileen miidiyaas milkaa’ina qajeelfama Waldichaaf deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
Waltajjicharratti kan argaman Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaaniin, dhimmoota biyyoolessaa deebii namooma barbaadaniif shoorri miidiyaa ture cimaadha jedhaniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.