Baankiin Misoomaa Chaayinaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuuf qophii ta’uu beeksise
Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Baankiin Misoomaa Chaayinaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuuf qophii ta’uu beeksiseera.
Baankichi hariiroo gamlamee fi tumsa gama maraa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuuf qophii fi kutannoo qabaachuu hogganaan tumsa Idil Addunyaa dippaartimantii Ameerikaa fi Afrikaa Biyaan Shiyuun ibsaniiru.
Chaayinaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tashoomaa Toogaan hogganaa tumsa Idil Addunyaa dippaartimantii Ameerikaa fi Afrikaa Biyaan Shiyuun waliin mari’ataniiru.
Tumsi Ityoophiyaa fi Baankii Misoomaa Chaayinaa gidduu jiru cimee kan itti fufu ta’uu marichaan eerameera.
Weerarri vaayrasii koroonaa fi walitti bu’iinsi kaaba Ityoophiyaatti mudate sochii diinagdee biyyattiirratti dhiibbaa geessisuu fi diinagdeen biyyattii dhiibbaa kana dandamatee guddachaa jiraachuu fi abdii kana namatti horu ta’uu ibsameera.
Baankichi deeggarsa proojektiiwwan misoomaa adeemsarra jiranii fi dhaabbilee imaammata maallaqaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Baankichi bara faranjootaa 2007 irraa eegalee tumsaa misooma Ityoophiyaa ta’uun itti fufuu fi dhaabbilee misoomaa fi maallaqaa Ityoophiyaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu Biyaan Shiyuun addeessaniiru.
Baankichi hariiroo gamlamee fi tumsa gama maraa Ityoophiyaa waliin qabu cimsee itti fufuuf qophii fi kutannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Beejiingitti argamurraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.