Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad Sheek Mahaammad Biin Zaayid yeroon hoggansa isaanii bu’a qabeessa akka ta’u hawwan

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudamuu isaaniitiin ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fuula Twiitara isaaniin akka ibsaniitti, Sheek Mahaammad Biin Zaayid yeroon hoggansa isaanii bu’a qabeessa akka ta’uu fi biyyattii gara guddina fooyya’aa fi badhaadhinatti ceesisan akka ta’u hawwaniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid Preezdaantii Emmireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun muudamuu isaanii Manni Murtii olaanaa biyyatti beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.