Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dadariitti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaarra miidhaan gahe

Finfinnee, Caamsaa 6, 2014 (FBC) – Godina Harargee Bahaa magaalaa Dadariitti balaa ibiddaa qaqqabeen qabeenyaa Birrii miiliyoona 15tti tilmaamamu barbadaa’uu poolisiin godinichaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan diviizhinii miidiyaa fi kominikeeshinii poolisii godinicha Inispeektar Tolasaa Gooshuu Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif akka himaniitti, balaan kun halkan kaleessa sa’aatii 9 irratti naannoo gabaatti mudachuun suuqoota daldalaarratti miidhaa qaqqabsiisuu ibsaniiru.

Balichaan shaqaxooxa nyaataa fi suuqoota meeshaalee ijaarsaarratti miidhaan gaheera jedhan.

Balaan ibidichaa gara iddoowwan birootti akka hin babaldhanneef jiraattoonni magaalichaa hirmaannaa taasisuun to’atamuu ibsaniiru.

Ka’imsa balichaa poolisiin qulqulleessaa jiraachuu Inspeektar Tolasaan himaniiru.

Tashoomaa Haayluutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.