Fana: At a Speed of Life!

Obbo Aganyahu Tashaagar Gamtaa Awurooppaatti bakka buutuu addaa Gaanfa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar Gamtaa Awurooppaatti bakka buutuu addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebar waliin mari’ataniiru.

Obbo Aganyahu  haala yeroo siyaasaa fi nageenyaa Ityoophiyaarratti marii milkaa’aa taasisuu ibsameera.

Michummaan Ityoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa waggoottan lakkoofsisuu fi bu’aa dippiloomaasii gama maraa argamsiisuu obbo Aganyahu mariisaaniin ibsaniiru.

Hariiroon waggoottan dheeraa lakkoofsise kun cimee akka itti fufuuf mootummaan Ityoophiyaa cimsee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Marii hunda haammataa gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, marichi rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’achaa jiran furuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay qaqqabsiisuuf mootummaan humnasaa guutuun hojjechaa jiraachuu fi fuuldurattis deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Gamtaa Awurooppaatti bakka buutuun addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebar gamasaaniin, Ityoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa hariiroo gaarii qabaachuu kaasuun, hariiricha daran cimsuu fi waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Walitti bu’iinsi naannoo Tigraay jiru guutummaan guutuutti dhaabbatee nageenyi biyyattiitti akka mirkanaa’uuf gamtichi fedhii qabaachuu ibsuun, kanaafis filannoon nageenyaa akka milkaa’uuf Gamtaan Awurooppaa mootummaa Ityoophiyaa waliin kan hojjetu ta’uu eeruu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.